Episodes

  • Egeree OROMIYAA

    Dr. Dagafaa waliin

    Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.

    Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.

    Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.

    Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…

    Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan nama jabaa tokko arganne.

    Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.

    Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.

    Support the show
  • Waggaa 11 dura gaafan Walaloo tana sararu akka keesaa baanu abdiin qaba ture.
    Haa tahu malee anii fi qaamni koo kuni saranas asumaa wal qoccollaa,
    Fayyinee wal hin fayyisne,
    Akka waan jilaatti asumaa lafa dhiinna
    Ciree gatuuf naafummaan sodaadhee, baadhee deemuufis dalaga wal dhoorre….

    Hee Qaama koo….

    #Qaama Koo!

    Ani kanan jedhu,
    want’n si gaafadhu
    silaa qaama kooti
    waa muree sin gatuu
    harki gaafa fayye,
    miilatu na nyaataa
    gaafa miilli fayye,
    mataat bowwaafataa
    nattin hafin jedheet,
    rifeensis kottonfataa
    qubnillee wal dhiiba
    waliif hooquu dhiiset,
    cinaatti wal jibbaa.

    Dhibee guddaan dhoru
    utuu ho'ichoon jiruu
    cittoon isa weeraree,
    fanxoon gudeeda dhaalee
    utuma ijaan laaluu,
    qubni hooqa dhiiset
    ija na waaraanaa,
    injiree naa waaddu,
    moggaatti dhiifatee
    funyaan na rukkuta,
    harkis buunyaf, miidhagfatee
    ilkeetti na gamaa,
    rigee aannan ayeetuu,
    fakkeessa jennaan
    dhabamsuuf aggaama.

    Quboonni koo,
    gurraa guurii guuree
    kan kunuunsuu male
    kabaallaa natti duucha
    harkumti koo, qaarutti qiyyaafatee,
    ilkaan koo miidhaginaaf oolee,
    seeqeet gammachiisa jennaan
    dubbii dansaafis arraba utubee
    wal gargaara jennan
    kunoo akka foonii,
    kutee na ciffataa,
    kaanis maqaa kiyya fuudheet,
    caccabsee alaanfata.

    Arrabni koos tolaa haasawee,
    waayillan faarsurra
    haamilee isaanii cira
    ni araarsa jennaan,
    hamiin walittisaan dira.

    Miillii koo fiigee,
    nyaapha qabuu didee,
    jilbi koos wal rigee,
    mudaan muddiin dhiige,
    qaamni saala kootis,
    jabaa dhalcha jennaan
    miceeree walitti buusee
    Cidhaa lamaan gogsee,
    sanyii baasa jennaan,
    bishaan adii jissee
    wal utuba jennaan,
    kunoo wal maseensee!

    Hee qaama koo,
    egaa akkas tahee
    nafa taataa moo naafa ?
    hunda ifirraa ciree
    akkan sin jijjiirree
    heera uumatu naan hirree
    garuu kana booda,
    garaan mar'umaan tuqnaan
    kaleen tiruu miinan
    sombi onnee dhiibnan
    sammuun kaawwaniif,
    tika dhiisnan
    miiroonnis sammuuf,
    ajajamuu dinnaan,
    harki miila murraan,
    qubni funyaan urraan
    ganaan gurra kaballaan
    garaachi kalee dhiinnan
    arrabni hami guddifnaan
    ilkaan arrabatti roorrifnaan
    taa'an baata dadhabnaan
    muunneen xu*ii nyaannan,
    fagaarri, hoji-idilee dhiifnan
    cidhaan qu*uu, kabajuu dhiisnan
    gamtaan sanyii, hoomisha dhiisnan,
    egereef jechuun, tasuma ni hafa,
    naafadhees, hin ta'u naafa
    killicha balleessees, hin jiraadhu lafa.

    Maqaan baduu mannaa,
    mataan baduu wayya
    qaama koo qaama koo,
    jedhees sin sossobu
    umrii kee dheeressuf,
    abadan sin sobu,
    naafa ta'ee, maalifan jibbamaa,
    qaama hir'uus ta’ee, anis awwaalama
    killa kiyya fixeen, achi gaggeeffamaa,

    fedhan haa awwaalan,
    fedhaan haa gugguban.
    kun hafnaan goflola haa ta'u
    waraabu na nyaatee, beela naan haa ba'u
    qaaman qaba jedhee, fayyina hin dharra'u.

    Koo, qoma koo,
    nafa koo, foon koo
    lafee koo, tiruu koo…
    qamoo koo, qoomaa koo…

    duuchaatti abdii kutees
    faxoorradhee hin taa’u.
    Boru guyyaa biraati,
    maaltu raaga waan ta’u.

    Bara, 2013, Shagarab, Suudan

    Support the show
  • Missing episodes?

    Click here to refresh the feed.

  • Bara 2001, sababa hongee,beelaa nam-tolchee fi gogiinsa godinoota #Harargee lamaan ( Bahaa fi lixa) keessatti uumameen mootummaan naannoo Oromiyaa “…iddoo mijataa sin qubsiifna…”jechuun gara godinoota Wallaggaa fi Ilu Abbaa Booraa kan qubsiifamanii turan.
    Uummanni keenya suni keessatti kanneen aanaa #BunnooBaddallee qubsiifaman dhuguma haala mijataa argatanii jireenyi isaanii wayyaahee jiraachaa turan mo maal keessa jiru?
    Turtii Miidiyaa Dhaddacha Oromoo jiraattoota Bunnoo Baddallee waliin godhe caqasaa

    Support the show
  • DAAWITII SEENAA LAK. 2

    Ni yaadattuu bara sana,bara guyyaan dukkanaa’ee,
    bara birmadummmaan nu cabuuf jala bultii ta'e,
    Bara koodeen koodee ganee, walirratti bobba'e,
    Gadaan laaffataa dhuufee, namuu gonfoo hawwee
    haadhoon haadhoo hiddee, akka summii jawwee.

    Fincaan 3n Tuullamaa,tokko diina kokkee qabaa,
    inni kaan taa'ee taajjabaa,
    Waliif dirmachuu dagatee, alagaaf dhaabbatee
    Galaan diinan lollaan, Abbichummoo nyaapha filate.
    kaanis cinaasaatti Macci, xis-ximbaa dhiisee,
    Finnasaa walitti qabuun, goojjoosaa hoo'isee,
    Akka waan diinni boru boroo hin seennee,
    nyaaphi yeroo itti eeggachuusaa wallaalee,
    koodeessaa cabuuf deemuu, cinaa taa'ee ilaale.

    Dhumaatii Gullaallee fi Suleen booddee,
    diinni akkaan jajjabaattee,
    Goobanaan diinatti michee,
    Tufaa Munaayyuu ganee
    Oggaa suusin xoophiyummaa,
    qabuuf miila cirattuu,
    Minilikiiif waadaa seenee
    Qusee Diingdeefaan, faana ofii buusee
    Diinaf hirkoo tahuun, obbolaan wal cabsee,
    Abbaa biyyummaan hafee, ormaaf ashakarii ta'ee
    Inni kaan mataan bu'ee hin jiruu, nama jiraan du'ee
    Dubbiitiin fala dhabdee, diinni abjuun xiqqaa mitii,
    Imala isaa hin dhaabnee, lixaa fi kibba lixaattii
    Of ijaaree, hidhatee waraanasaa bobbaasee,
    Inni fagoodhaa kuunnoo jedhan, oggaa kunootti dhiyaatuu,
    Inni kaan ni lollaaf hin lolluun, godoo keessatti wal nyaatuu,
    Ni gabbarraaf ni lollaan jirraa walii taa’uu,
    Walakkaan yoo qolatu walakkaan gabbaruu filaatee,
    Diinni garuu manii gahuu qabu beekaa, yoom achitti dhaabbate.

    IJoolleen Saglan iluu, jarri shanan gibee,
    Warri Torban Jaawwii fiixaan Sadeen Liibee,
    Ijoolleen Kumsaa Morodaa, fiixaan Jootee Tulluu,
    gaafa diinni godootti dhiyaatee, dhabame waliif galluu,
    Asii fi achitti nu qoodee, diinni qofa qofaatti nu hiddee,
    Oggaa Abisheen falmaa murteessee,
    Garbaa Addaamus Eeboof gaachana sirreessee,
    ni lollaan onnee goota kaasuf geerarsa
    achumammoo cinaatti Qadiidaa annabee,
    gantuun lammii keessaaa,
    haadhoo gurguratee, gootaa finiinaa san,
    Habashaan jiraa awwaaltee, Abishee soogiddaan
    Mataa dibdee loon mataa ol arraabsiftee,
    Finna Oromoo jabaa san tuffatamaa gootee
    Haamilee dhalootaa, qasham kashaa gootee
    keenyuma yaabbattee, keenyumaan nu nyaatte.

    Goobanni farda tahee, huddeelamee luugamamee
    Argaadhaa jaamee, fakkaattoota isaa waamee...
    Oromoon birmadummaan, akkasiin mulqamee,
    Namummaanuu hirdhatee, mirgisaa sharafmee.
    Akkam seenaa dagannaa,
    akkamiin deebinee, gabrummaa filannaa?
    Akkamiin abashalli, bara baraa nu faddalaa,
    Maal gaafa taanuu, shirrii dhugaa dhaalaa?

    Bara sana bara tokko tokkoon, dabareedhan cabne,
    Gadaa abdii cittuu dhabnee, nyaapha jalatti kufne.
    Oggaa ilmaan Sikkoo-mandoo gamasitti dhiiguu,
    kaan qubayyuu hin qabuu,hirriiba jabaan muguu.
    Jaarraa dacheen wal hanqattee, joolleen Leenjisoo Diigaa,
    Abbaa biyyummaaf, reeffi tuullamee fakkaatu kaakkaa,
    Gaafa dhiigni ijoollee Arsii, lola'ee fakkaatu yaa'a lagaa
    Biramannaa dhabee goonnee,
    oggaa qe’eensaayyuu barbadaa’uu
    Oggaa tokko qolatee,
    Tokkommoo harkaan boojuu ta’uu
    birmannaa dhabaaf, gaafa nyaaphni moo'uu,
    Hireen teenya takka jechuu wallaalanii,
    warri fagoo fi dhihoo taa'anii laalanii
    diinni booqaa hin qabuu, isumatu achis dhaqee,
    gootota Oromoo cufa, ajjeessee, dhiigan laaqee
    Diinni kaayyoo qabaa, Oromoo caccabsee,
    Oromiyaa diiguudhaa, saba guddaa gabroomsee,
    Bada gamtaa dhabaaf, humni keenya qoodamee,
    Kunoo gama bahaas, nyaaphi sardaan itti duulee,
    ilmaan Ituu, Anniyyaa fi qomoon Arfan Qallloo
    Joolleen Humbannaa, gaafa lola murrtoo guutoo
    Gaafa samiin dukkanee, dacheen ittanee
    gaafa dhaquu malee, galuun abjuu ta’ee
    Gaafa calii-calan

    Support the show
  • Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.

    Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.

    Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.

    Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…

    Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan nama jabaa tokko arganne.

    Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.

    Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.

    Support the show
  • #Jaarmiyaa Tokko Maaltu #Jabaa Taasisa?

    -1 -

    Dhaabni ykn jaarmiyaan tokko haalli inni ittiin jabaatuufi guddataa deemu karaaleefi roga hundaan waan jaarmiyaan tokko guuttachuudha qabu yoo guuttateedha. Waan hunda caalaa dhaaba tokko kan jabinasaa ibsuufi daran bu'a qabeessa isa taasisu :

    1). Akeekaafi kaayyoo inni ittiin dhaabbateefi muldhata inni ittiin saba bilisummaa argachuu qaba jedhee qabsaawuuf sanadha. Kaayyoofi akeekni jaarmiyaa tokkoo ifaafii qajeelaa tahuu qaba.Kunis salphaa dhumatti uummatasaa keessatti habaqaaluufi fudhachiisuf lammii akeeka kanaaf jiraatu oomishuu dandaha.
    2). Hooggantootaa qeenxee irra hooggantootaa waliin waliin walfaana tarkaanfatan, dambooboo, fi ayyaan qabeeyyii akka-abbaa muldhata qabaatoo fi dabballoota muratoo fi amanamoo qabaachuu,
    3). Dhaabni ittiin bulmaatafi heera wayyabni lafa kaayate laalaafi ittiin bulaa, loogii fi haalduree tokko maleetti hojiitti hiikaa deemu yoomiyyuu bu'aa buusaa deema.
    4). Madda diinaagdee jabaa fi yaada diingdeen ittii burqee kaayyoo irratti dhaabbatan hojiirra oolchuf nama geessu kan yeroo ammee fi dheeraa keessatti fayyadaman qabaachuu fi dudduubbee amansiisaa sabasaa keessa qabaachuu,
    5). Dhaabni ilaalchaa galaana gadaantummaa akka gandummaa, amantii fi garee xiqqashoo dantaa waloo caalaa dhuunfaa qabaniiniin of tiksuu irraa walaba tahe yoomiyyuu injifataa fi giddugaleessummaa sabaatin jaallatamaa dha,

    6). Kallattii hundaan jaarmiyaan keessumaa qabsoon karaa riphe lolaan godhamu tooftaa fi fir-horachuu,
    7). Sirna uummataa fi sabasaa bitaa fi cunqursaa jiru keessatti namoota jajjaboo ijaaruu fi abbootii qabeenyaa karaa laf-jalaan of jala hiriirsuu
    8. Of Ilaalleen jaarmiyaa sanaa kaleessa sabichaa thauu qaba. Kaleessa fi hardha walitti hidhuun boruu ykn egeree sabichaa uumuun ni dandahama waan taheef keessumaa kalee saba keenyaa ganneerra taanan jidduutti walammee taana. Mee yaadota kanneen tokko tokkoon laaluu yaallatii na hordofaa.


    Support the show
  • https://www.youtube.com/live/DG42yGOMYg4?si=Tc9v3280Aocpq2O1

    Barbaachisummaa miidiyaa fi hanqinoota yeroo ammaa gama miidiyaan qabnu irratti Dr.Dagafaa, Bilisummaa fi Caalaan marii kallattii gaggeessan

    Support the show
  • Egeree OROMIYAA turtii Dr. Dagafaa waliin goonee caqasaa. Karaa Youtube armaan gadiis daawwachuu dandeessu.
    https://www.youtube.com/live/jfg3quojm6g?si=lhc1Sk-34CLbb4EC
    https://www.youtube.com/live/y0RzLLiW2No?si=NYWigbDLlGOPV5SA

    Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.

    Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.

    Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.

    Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…

    Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan nama jabaa tokko arganne.

    Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.

    Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.

    Mee hardha akka dur gara ijoo dubbii Oromoo osoo hin taanee gara jiruu fi jireenya, muuxannoo, injifannoo fi bu’aa bayii akka namaatti keessa dabartanii as geessan irraa dubbanna.

    Support the show


  • 𝕄𝔸ℕ𝔻𝔸ℝ𝕆𝕆𝕋𝔸 𝔽𝕀 𝕄𝔸𝔾𝔸𝔸𝕃𝔸𝔸𝕎𝕎𝔸ℕ 𝕆ℝ𝕆𝕄𝕀𝕐𝔸𝔸 - 𝕆ℝ𝕆𝕄𝕀𝔸ℕ 𝕋𝕆𝕎ℕ𝕊 𝔸ℕ𝔻 ℂ𝕀𝕋𝕀𝔼𝕊
    𝕂𝕦𝕥𝕒𝕒 𝔻𝕦𝕣𝕒𝕒

    T̈́ä́ä́m̈́m̈́ä́n̈́ä́ä́ B̈́ḯẗ́ḯm̈́ä́ä́ irraa

    DURADUBBII

    Dubbiftoota barruu tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo harra irraa kaaseen mataduree kanaa olitti kaayame jalatti waa isiniif dhiyeessaa, mee na hoofkalchaa! Kanas hamma naaf dandayametti guutuu taasisuunan guutee, irra bash-bash gochuun isiniif dhiyeessa. Garuu, yaa Oromoo koo akkana gochuuf laalleewwan (infoormeshina) guutuu qabaachuutu nama irra jira. Haala uummanni keenya Oromoon keessa jiruu fi dukkana wallaalummaa koloneeffattoonni Habashaa nu aguuggachiisan irraa kan ka'een, laalleewwan barbaadaman guutumatti argachuun rakkisaa dha. Haatahu malee, hammuma jiru irraa ka'anii waliif ibsuutu irra bu'aa qaba. Guutuu eeggachuuf, guutumatti harka maratanii taa'uun kana nama baasuu miti.

    SEENSA

    Jechi "mandara" jedhamu kun jechoota Oromoo isa "mana"-a fi "daramuu" (man + dara = mandara) jedhamu irraa kan baafame. "Manneen walitti daramanii" jechuun "walitti raramanii" jiran jechaa dha. Mandara jechuuf "magaalattii" jechuunis ni dandayama. Maaltu dhabame, afaan keenya Afaan Oromoo, afaan nadhii dammaa kun sonaan dureessawoo! Amma mallin ani itti-dhiyeessu godina Oromiyaa tokko fudhachuun mandaroota fi magaalaawwan godina san keessatti argaman cufa tarreessuu dha. Kanas akka barumsaaf Dhaloota Qubee kiyyatti toluufan magaalmataa godina sanii irraa, karaa konkolaataa isaa hedduu guddaa tahe qabachuun kanneen karaa san irratti argaman hunda tarreessa. Fakkeenyaaf: Assallaa irraa ka'uun: Saaguree, Boqojjii, Asaasa, Dodoola, Adaabba faa. Isaan karaa guddicha san irratti hin argamnes achumaan dhiyeeffamu.

    Ammaaf mee Shaggar shaggaa keenya, Finfinnee finna keenya irraa ka'uunan gara Ambootti qajeela. Yaa Oromoo kiyya, Amboon yoon jalqabe isin marti Amboof harka-rukuttu jedheen yaada. Ambo keessanitti kanatu guddatee-ree? Ani dur Ambo Shaggar keenya irraa wantee (kiilomeetira) 125 fagaachuu isaan beeka. Ani karaa asfaaltii warri Habashaa wagaalee 70 keessatti ijaaruu dhaddhabee, warri Xaaliyaanii waggaa shan keessatti ijaare tokko tokkoonan beeka. Biyya Torban Kuttaayee kana balaa-muka isaallee nan beeka. Garuu, amma warri Wayyaanee "keenya" Ambo gara Shaggaritti waan siiqisaniif kiiloomeetira 105 tahee jira jechaan dhagaye. Wayyaaneen Ambo mararfatteetii mitii, silaa Amboo fi ishiin ibiddaa fi citaa dhaa, amma waan biraa dhiifnee qalbiin karaa keenya qabannee gara Ambootti haa xuruurru!
    QAAMADUBBII

    Egaa mee amma walqabannee, konkolaatadhaan yookaan farda Oromoo isa "farda Jiddaa" jedhamuun Shaggar irraa kaanee gara Ambootti haa qajeellu! Ambo keessan kun jagna qofa otoo hin taane, arjaa dhasiwoo "ni beelofna, ni dheebonna" jetteenii waa tokkollee hin yaadayinaa….


    Itti-fufa ... !
    Taammanaa Bitimaa: [email protected]



    Support the show
  • Marii kana keessatti Dr Dagafaa Abdiisaa MSG fi GS ABO duraanii akkasumas daarikteera fayyaa Hospitaala Leenca Gurraacha kan turan, J/ Ayyaanaa Goobanaa, ogeessaa diinagdee fi qondaala ABO fi Caalaa Hayiluu waloo fi barreessaa tahuun dhimmoota armaan gadii irratti dubbataan.
    1. Sochii QBO keessatti shoora Qeerroo fi gurmaayinsa Qeeroof gahee ABO
    2. Gabootaa yeroo yeroon QBO ganan sababa fi tokkummaan sabni akkamiin of keessaa buqushaa
    3. Olola miidiyaa tiin balbala galaanaa arganne jechuun BILXIGINNAAN xooxessituu fi rakkinoota ololli kuni qabatee dhufu
    4. Dantaan Oromoo akka sabaa fi uummataattii akkasumas akka OROMIYAA tti maal taha jedhamuu qabxiilee biroo irratti marii dheeraa taasisan.
    caqasaa nu deeggaraa.

    Support the show
  • Kitaaba kana baatii darben ( Fulbaana,2022) dubbisee fixe. Kitaabicha dubbisuu Jalqabnaan dhaabuun hin jiru waan taheef guyyaa lama keessattin xummure. Hunduu bitadhaa dibbbisaan jedha.


    Qabiyyeen Kitaaba Jaal Abbaa Caalaa kuni seen-gulummoo matayyaa isaanii :-

    a. Ijoollummaa- hanga barnoota jalqabanii

    b. Haalaa baruu fi barsiisuu fi didhaalee hanga barnoota xummuranitti argan

    c . Bara Yunibarsiitii turanii fi hirmaannaa sochii QBO jalqabaa keessatti taasisan

    d. Duulaa barnootan Arsii deemuu fi muudannoolee achitti turan

    e. Barnoota xummuruu fi jaarmaa laf-jalaa keessatti qooda fudhachuu

    f . Qabsoo Qawwee jalqabuuf sochii Dambi Doolloo fi didamnaan imala Dambii Doolloo gara Mattuu – Finfinnee

    g. Dirree Baha Oromiyaatti bahuu fi taajjabbii haala WBO dirree bahaa keessa ture. Keessatti amala fi dandeettii Jaarraa Abbaa Gaadaa, wareegama Qabsaahota Oromoo ( Wal ajjeechaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas)

    h. Godaansa sadaffaa ( Baha Oromiyaa ti gara Ijabuutii

    i. Ijabuutii gara Sudan deemuu

    j. Qabsoo hidhannoof leenjii waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu fi imala gammoojjii Saahel akkasumas turmaata dirree leenjii

    k. WBO lixa Oromiyaatti gadi dhaabuu hanga bara 1991( cehumsaatti)

    l. Bara cehumsaa booddee qormaatalee hanga bara 1998 Eritreatti ABOn simatamutti

    m. Bara 1998- hanga bara 2018

    n. 2018 tti Oromiyaatti deebi’uu dhaabaa waliin Wal qabatee qooddannaa miiraa fi taajjabbii haala biyyaa…

    Waan hunda dura Jaal Abbaa Caalaa Lataa, kitaabicha barreessuu qofaaf osoo hin taanee wareegama hadhooftuu tilmaamuu hin dandeenye saba kanaaf jecha umrii dargaggummaadhaa hanga yeroo hardhaatti baasaa jiraniif galanni dachaa haa tahuuf. Silaas galanni qabsaawaadhaa BILISUMMAA SABAA waan taheef Waaqayyoon umrii dheertuu haa laatufiitii daran sanyiin isaan facaasan margee bargaagee bilchoo tahee nyaatamuu isaa haa arganin jedha.

    Abbaan Caalaa qabsaawaa qofa osoo hin taanee nama dandeettii barreessuutti ogummaa addaa qabuu dha. Seenaa guddaa waggaa 50tti dhiyaatu haala baayyee gabaabaa, bareedaa fi hawwataa taheen akkasitti dhiyeessuun ogummaa jabduu gaafata. Kanarraa wanti tilmaamuu dandeenyu Abbaan Caalaa dubbisaa jabaa tahuu isaaniti. Nama dubbisutu waan baroo fi dansaa akkasii seenaa xaxaamaa fi dheeraa kitraabni fuulli kumootaan irratti barreeffamu seecca’ee namaaf dhiyeessa. Dhugaa dubbachuuf haalli kitaaba kana itti barreessan waanuma ajaayibaati.

    Akkumaa isaanuu jedhan seenaa mataa ofii barreessuun waan baayyee ulfaataa keessaa isa duraati. Waayee namaa kuultee kukkultee feetummoo ajeessitee barreessun salphachuu mala, waayee keetii barreessitee namaaf dhiyeessun akkaan ulfaata. Haa tahu malee seenaan Abbaa Caalaa, akkuma mata duree kitaabichaa, ‘Abbaa Caalaa Lataa, Jireenyaa fi Qabsoo ABO’ ti.

    Waayee ABO kaaftee seenessita taanan, keessafuu kan dirree dhiyaa, akkan kitaaba kana dubbiosetti Abbaa Caalaa osoo hin kaasin seenessuus tahee himuu hin dandeechu. Wareegama hadhooftuu, aarsaa ulfaataa saba Kanaaf baasan. Silaa akka oolmaa isaan saba kanaa oolaniiti Sabni kuni mataatti baata ture. Garuu hamma Sabni keenya hubatutu ammayyuu diqqaa dha waan taheef hanga hunduu hubatutti yeroon ni tura.

    Haa tahu malee qabsoo kanaaf waan qabsaahonni Oromoo akka J/ Abbaa Caalaa tahan kuni aarsaa duwwaa miti, Arjummaa, gootummaa, sabboonummaa,Oromummaa, obsaa fi qaroomina guddaa dha.

    Abbaan Caalaa seenaan bara ijollummaa isaanii akka maq-balleessituun olola adda addaa irratti oofuudhaan ilmaan baal-abbataa kan rakkoo takkaa hin garree fi rakkkoonuu maal akka taate hin beekne jedhanii irratti ololan osoo hin taanee kanuma dhala ilmaan qote bulaa Oromoo hedduuti jechuu dandeenya. Yeroon waayee bara ijoollummaa isaanii dubbisu qe’ee dhaloota koon ija yaadan daawwachaa dubbise yoo illee haalli teessuma lafaa fi qilleensi baramaa wal fakkaac

    Support the show
  • Qaroo fi gameessi QBO, kan saba Isaaniif jechaa wareegama hedduu kaffalan kan dhugaa saba Oromoof qofa jiraatan Jaal Dr. Dagafaa Abdiisaa Tuuchoo yaalii ajjeechaa murni Bilxiginnaa irratti aggaamte irraa fayyanii ammas sagalee saba isaanif tahaa jiru.

    Dr. Dagafaan waayee shororkeessummaa fi shororkessummaa mootummaan raawwatu (State terrorisma)irratti Jaal Ayyaanaa Goobanaa waliin marii godhan kana caqasaa.


    State terrorism refers to acts of terrorism which a state conducts against another state or against its own citizens.
    Acts of terrorism include threats of terrorism; assassinations; kidnappings; hijackings; bomb scares and bombings; cyber attacks (computer-based); and the use of chemical, biological, nuclear and radiological weapons.


    Support the show