Bölümler
-
Eksik bölüm mü var?
-
Support the show
-
Support the show
-
“ABOn waggoota 50n darban Oromoof Hoomaa hin hojjanne.” Abiy Ahmed akkas jedhe. Dhugaa dhaa? Abiy Ahmed Maalif akkas jedhe? Dhuguma ABOn Oromoof waa hin goonee?
Kanaa fi kan kana fakkaatan irratti keessummoota Egeree Oromiyaatu dubbata. Caqasaa.
ABOn Oromoof homaa hin hojjannee?Amma dhaloota ( siditu iddoo kana jirra) Dhaloota gaafa ABOn bu’uramu turan, dhaloota jidduu fi dhalota si’anaa ( Dhaloota Qubee)
Kanaaf mee dhaloota duraa irraa kaana,
1. Osoo ABOn hin bu’uramin ykn hin dhalatin Oromoon maal keessa ture Dr. Dagafaa ?
2. J/ Milkeessaa, ABOn maal faa hojjatee waggoottan shantamman darban ?
3. Dr. Caalaa: ABOn homaa hin hojjanne osoo hin taanee ergamaa fi mul’ata ( Vision and mission) isaayyuu xummuree sadarkaa biraa keessa jira kan jedhan jiru. Ati yaada kana akkamiin ilaalta? ( karaa afaanii, aadaa fi duudhaa ganamaa, karaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa) mee kana dhaggeeffattoota fi dawwattoota keenyaf ibsi.
4. Dr. Dagafaa gaaffilee jaallan lamaan of dhiyaate irratti waa dabalaa mee akkasumas, Osoo ABOn hin jiraannee OPDnu hin uumamtu, OPDOn subis dsrdartee qabsoo bilisummaa Oromoo buttee hardha sadarkaa kanatti hin dubbattu kan jedhan jiru maal jettu isin?
5. J/ Milkeessa: Abiy ABO waliinan hojjachaa ture jedhee ture…dhuguma ABOn homaa hin hojjanne yeroo jedhu olola siyaasaa ti moo maalif kana jedhe jettee yaadda? Deebii le karaa jaarmiyaa di ilmaan Oromoo maqaa ABOtiin dararamaa turanii hoo maal tahuu qaba ture?
6. Dr. Caalaa, dhimma kana qajeellotti deebii kennuun maalif barbaachisa? Eenyun dhugaa kana hubachiisuuf deemna?
Support the show
-
Gurmuun Hayyoota Oromoo (GHO/OIS),
Mata-duree “Burjaajii fi Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo: Sirna Badii Impaayeraa if Gahee Qaroo (Elite) Oromoo” jedhu jalatti Seminaara marii qopheessee jira.
Sirni koloneeffataa, uummata gabroomfatee hacuuccaa isaa jalatti tiksuuf, tooftaa fi tarsiimoo dhaabbatoo garagaraatti dhimma baha: 1) Shororkessuu, saamuu fi hiyyoomsuu; 2) qoqqoodee bulchuu; 3) afaan, aadaa, seenaa, waliigala eenyummaa sabichaa dhabamsiisuu fi burjaajessuu; 4) qaroo sabichaa dhabamsiisuu, sirna ofii fudhachiisuu ykn malaanmaltummaadhaan takaalee akka saba isaaniif hin dhaabanne godha. Kunneen imaammatoota koloneeffataan ittiin beekamu, kan sirni Itoophiyaa baldhinaan saba Oromoo irratti geggeessaa ture fi jiru dha.
Seminaarri GHO kun tooftaa sirni PP hardha Oromoo ittiin gidirsu keessaa waan lama irratti xiyyeeffata:
A) Olola Maqaa Nagaa fi Araaraa Qabatee Deemu
B) Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo Biyyaa Alaa (fi Keessaa)
Kunneen jalatti, olola PP’n maqaa “Nagaa” fi “Araara” jedhuun uummata burjaajessuuf yaaltu ifoomsuu; akkasumas murni kun, qabeenya (resource) qabdu fi kan itti liqeeffattu mara dhangalaastee, golee qabsoo fi hawaasaa keessatti burjaajii fi jeequmsa uumuu yaaltu irratti uummata dammaqsuu irratti xiyyeeffata.Support the show
-
CBB: Fullbaana 21/2024-Mata duree Hiriira Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Oromoo jedhu irratti waliin dubbii Dr.Caalaa Olaanaa waliin goone hordofaa
Hiriira Siyaasa Gaanfa Afrikaa fi Oromoo
Yaada asii gadii haala jiru hunduu quba ni qaba garuu eessa jirra jennee of gaafachuun hin baduu.
Somaaleen, kana dura Eritriyaa duukaa lola Abiyyi ahmediif maabara seentee waraana ergaa turte har’a ammo salphoo soqolattee salphinaan gargaaru akka jedhamu, saayiba ishee isa Itoophiyaa hunkurutti quba qabdee jirti.
Haala amma dhalate yoo ilaalle gabaabsinee
1. Somali-land, biyya hawwii bilisummaa guddaa qabdu, osoo bilisoomtees ishee malu. Garuu harka seexanaa buutee nagaashee duraan qabdullee of hunkuruuf herrega siyaasaa dogogoraatiin michummaa sheexanaa dhaqxe dha. Haalli ishee nama gaddisiisa. Dogoggora seenaa itti tahuuf jira adeemsi isheen alana deemte.
2. Somaaliiyaa, biyya nagaa hin qabne dha. Addunyaatu beeka kana. Ammoo firoota hin qabdu jechuu miti. Firootni isheen qabdu qofa osoo hin taane, warren kallattii adda adaan Itoophiyaan sun akka nagaa dhabduu barbaadaniifis biyya maraatuun bultu sanatti adaba gochuu inuma hawwu. Carra sanaan Somaaliyaatti michoomuun keekii bareedee qophaahe akka argachuuti.
3. Egypt (Misrii), haalli hidhaa laga Abbayaa kan yeroo hunda ishee cinqu, misir itoophiyaan biyya tasgabbii qabdu akka taatu hin feetu. Kanaaf ragaan Biraanuu naggaafaa warra irraa doolaara guurrataa ture caalaa hin jiru. Kanaaf Biyyi Egypt, har’a meeshaa waraana Somaaliyaatti guuruun, dinagdee fi kkf tiin deeggaruun Somaaliif carraa addaati
4. Eritrea, namichi ani gamna jedhuu boor hin beekne, Isaayyaasiin waamee akka haadha manaatti qubeelaa harkatti akka kaahuuf taa’e lola Tigraay itti fayyadamee ari’e. kun aarii guddaa dha. Isaayyas lubbuun osoo jiruu kana ijaa bahachuuf waan isa fayyadu kamiinuu ni raawwata. Kanaaf Egypt fi Eritrean ammatti cidha waraanaa Somaaliyaan itti jirtu kanaaf dura bu’ummaan hojjechuutti jiru.
5. Gaheen Eritrea maali? TPLF duukaa araara buusuu, Faannoo durumaan leenjisuuf hidhachiisu jabeessuu, TPL fi Faannoo hoogganuun lola haaraa kana keessatti gahee biyya sana abba bushuu fi akkamitti akka bushuun irra jiru irratti hojjechuu, yaada kanaaf ammo TPLF badii kana dura Shaabiyaa irratti dalagde yoo dhiifte nuti isaaniin michuummaa jabeeffachuuf qophii dha jedhee jira. Egaa Abiyyiif bale gizoonni, TPLFn lamatti hirree carraa kana hanbisna jedhanii dhamahaa jiru. Gareen Geetaachoo fi Gareen D/Tsiyoon ammatti waldhabdee jabduu qabaataniiru. D/tsiyoon genociden ragaan hin jiru hin taane hanga jedhuutti gaheera. Bilchina siyaasaa isaa agarsiisa. Genocide tahuu adunyaatu beeka, garuu ammatti gareen Geetachoo kan kaleessa taheef haqa hin fidne, ittiin qofa uummata Tigraay sodaachisee, uummatichi jiilee harka Abiyyitti akka laadhatuuf dhamahaa jira. D/Tsiyoon ykn TPLF garuu garee gantuu kana of keessaa ari’anii jiru. Inumaa waan Genocide tiin uummata hin shororkiin jechuutti jira. Kana jechuun haqni uummata Tigraay hanga kabajamutti lolas tahu ni lollaa fakkaata. Kanaaf Yaadni Egypt diinota PP walitti fiduu ni dhugooma jechuudha. Garii keenyaaf jarri kun akka hin fayyineti walmadeessaniiru akkamiin jechuu dandeenya. Garuu siyaasni madaa sana lakkaa’uu osoo hin taane waan kaayyookee galmaaf sii gahu kamiinuu fayyadamuu dha. Ammoo isaanis raakoon isaanii Abiyyiin loluun booda hiikatee dhumeera jechuu miti, garuu ammatti diina hundasaaniif soda tahe qabu, Shaabiyaan haala Kanaan yoo Abiy Tigraay fi Amaara dhuunfate, galaana diimaa isaanii qofa osoo hin taane biyya isaanii itti wareegama hadhaahaa kamiinuu kaffalan illee dhiisuuf akka hin jirre sirriitti beeku. Kanaaf sheexana waliinillee taatu, isa kana dSupport the show
-
My Poor Mother
My poor mother, the one and only I love,
These days you are constantly in my thoughts,
I can’t sleep or find rest,
Preoccupied with worry about the impending fate,
Thinking of what the pandemic might unleash upon you,
Asking myself so many questions, wondering how you will fare,
Filling in the blanks with observations and facts.
I fear for you, should the pandemic conquer your heart.
You may not have the strength to defend yourself, your home, your core.
Your grown children, with potential and capability, have left—
Fled to distant lands, seeking safety or driven by greed.
Your doctors are not here to care for you,
They, too, have gone abroad, seemingly indifferent to your plight.
How will you bear the losses you are bound to face?
What are you doing to protect your children in this critical time?
What are you doing, dear mother?
My beloved, my poor mother,
Let me hear your pain,
Let me listen to your story before one of us sleeps for eternity.
Even now, we see that the rich and powerful nations
Cannot protect their own people.
It seems the more civilized they are, the greater their loss.
They create powerful, modern, computerized weapons to destroy,
But they fail to produce the vital vaccines needed in this crucial time.
They satisfy human desires, making life seem limitless,
They go to the Moon, to Mars,
Dreaming of one day living there.
Yet, they cannot stop their people from dying of COVID-19.
That is why I worry about you, about my siblings.
So, my poor mother, tell me:
How prepared are you for the losses to come?
You know well how your leaders are corrupt,
Conspiring against the masses for their own interests and ego.
They barely work together to find solutions for the problems at hand.
How will you bear the loss of your poor children,
When they don’t care for one another,
When they are indifferent while their siblings die?
Do you think they will change their ways and protect each other?
Do you think they can be generous, learn to survive together?
My poor mother, you don’t have the power or the knowledge to protect them.
Their lifestyles expose them, make them vulnerable.
They lack the materials needed to safeguard themselves.
You’ve already seen how this pandemic is taking lives worldwide,
How even the richest, most developed nations cannot fight back.
So, my poor mother, how will you fight to save your children?
Do you have any advice for them in these dark times?
Have you glimpsed hope, any dreams of better days for your children?
Mama Africa, may the Almighty Waaqayyoo bless and protect your children.
I am so desperately worried, I cannot sleep or rest,
Fearing the infection will reach your children.
My only beloved mother, may the spirits of our ancestors protect you and your kin.
May the Almighty spare me from witnessing the death of my brothers and sisters,
Of your children.
I pray that God will save our world from such devastation and death.
I wish you a long and healthy life,
And may your innocence shield you from this evil.
2020-06-08
Written during the outbreak of the so-called COVID-19 pandemic
Support the show
-
Support the show
-
Caamsaa 29/2024- MDHO- Qabsoo bilisummaa Oromoo fi barbaachisummaaa Miidiyaa, Marii maati Miidiyaa Dhaddacha Oromoo- MDhO waliin goone caqasaa
Support the show
-
Egeree OROMIYAA
Dr. Dagafaa waliin
Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.
Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.
Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.
Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…
Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan nama jabaa tokko arganne.
Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.
Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.
Support the show
-
Waggaa 11 dura gaafan Walaloo tana sararu akka keesaa baanu abdiin qaba ture.
Haa tahu malee anii fi qaamni koo kuni saranas asumaa wal qoccollaa,
Fayyinee wal hin fayyisne,
Akka waan jilaatti asumaa lafa dhiinna
Ciree gatuuf naafummaan sodaadhee, baadhee deemuufis dalaga wal dhoorre….
Hee Qaama koo….
#Qaama Koo!
Ani kanan jedhu,
want’n si gaafadhu
silaa qaama kooti
waa muree sin gatuu
harki gaafa fayye,
miilatu na nyaataa
gaafa miilli fayye,
mataat bowwaafataa
nattin hafin jedheet,
rifeensis kottonfataa
qubnillee wal dhiiba
waliif hooquu dhiiset,
cinaatti wal jibbaa.
Dhibee guddaan dhoru
utuu ho'ichoon jiruu
cittoon isa weeraree,
fanxoon gudeeda dhaalee
utuma ijaan laaluu,
qubni hooqa dhiiset
ija na waaraanaa,
injiree naa waaddu,
moggaatti dhiifatee
funyaan na rukkuta,
harkis buunyaf, miidhagfatee
ilkeetti na gamaa,
rigee aannan ayeetuu,
fakkeessa jennaan
dhabamsuuf aggaama.
Quboonni koo,
gurraa guurii guuree
kan kunuunsuu male
kabaallaa natti duucha
harkumti koo, qaarutti qiyyaafatee,
ilkaan koo miidhaginaaf oolee,
seeqeet gammachiisa jennaan
dubbii dansaafis arraba utubee
wal gargaara jennan
kunoo akka foonii,
kutee na ciffataa,
kaanis maqaa kiyya fuudheet,
caccabsee alaanfata.
Arrabni koos tolaa haasawee,
waayillan faarsurra
haamilee isaanii cira
ni araarsa jennaan,
hamiin walittisaan dira.
Miillii koo fiigee,
nyaapha qabuu didee,
jilbi koos wal rigee,
mudaan muddiin dhiige,
qaamni saala kootis,
jabaa dhalcha jennaan
miceeree walitti buusee
Cidhaa lamaan gogsee,
sanyii baasa jennaan,
bishaan adii jissee
wal utuba jennaan,
kunoo wal maseensee!
Hee qaama koo,
egaa akkas tahee
nafa taataa moo naafa ?
hunda ifirraa ciree
akkan sin jijjiirree
heera uumatu naan hirree
garuu kana booda,
garaan mar'umaan tuqnaan
kaleen tiruu miinan
sombi onnee dhiibnan
sammuun kaawwaniif,
tika dhiisnan
miiroonnis sammuuf,
ajajamuu dinnaan,
harki miila murraan,
qubni funyaan urraan
ganaan gurra kaballaan
garaachi kalee dhiinnan
arrabni hami guddifnaan
ilkaan arrabatti roorrifnaan
taa'an baata dadhabnaan
muunneen xu*ii nyaannan,
fagaarri, hoji-idilee dhiifnan
cidhaan qu*uu, kabajuu dhiisnan
gamtaan sanyii, hoomisha dhiisnan,
egereef jechuun, tasuma ni hafa,
naafadhees, hin ta'u naafa
killicha balleessees, hin jiraadhu lafa.
Maqaan baduu mannaa,
mataan baduu wayya
qaama koo qaama koo,
jedhees sin sossobu
umrii kee dheeressuf,
abadan sin sobu,
naafa ta'ee, maalifan jibbamaa,
qaama hir'uus ta’ee, anis awwaalama
killa kiyya fixeen, achi gaggeeffamaa,
fedhan haa awwaalan,
fedhaan haa gugguban.
kun hafnaan goflola haa ta'u
waraabu na nyaatee, beela naan haa ba'u
qaaman qaba jedhee, fayyina hin dharra'u.
Koo, qoma koo,
nafa koo, foon koo
lafee koo, tiruu koo…
qamoo koo, qoomaa koo…
duuchaatti abdii kutees
faxoorradhee hin taa’u.
Boru guyyaa biraati,
maaltu raaga waan ta’u.
Bara, 2013, Shagarab, SuudanSupport the show
- Daha fazla göster