Oromo National Liberation Podcasts

  • MDhO: Galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Carraa Oromiyaaf Hafte
    MDhO: The Goal of Oromo National Liberation Struggle and Its Ultimate Opportunities
    Ibsa Ejjannoo Yaa’ii Gurmuu Hayyoota Oromoo 5ffaa.

    Adoolessa 17, 2021

    Akkuma hubatamu, haalli siyaasaa naannoo Gaanfa Aafrikaa, addatti immoo impaayara Itoophiyaa keessatti saffisaan jijjiiramaa jira. Haala kana keessatti adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessa deebi’anii ilaaluun; qabsichi galma gahuu kan hanqateef rakkoo fi dadhabbiin turan maal akka tahan gadi fageenyaan xiinxaluun, akkasumas uummata Oromoo irratti maaltu dhufuuf akka jiru tilmaamuun barbaachisaa fi murteessaa dha. Akkasumas QBOn galma isaa akka gahu maaltu hojjetamuu akka qaban marihachuu fi Oromiyaan Walaboomte attamiin akka ijaaramtu eeruun dhimma belbeltuu qoratamuu qabuu dha. Kanaaf, yaa’iin mata dureen isaa „Galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Carraa Oromiyaaf Hafte“ jedhu Adoolessa 17 bara 2021 gaggeeffame.

    Dhimmootni ijoo fi hangafa ta’an kan yaa’ii kana keessatti hayyootaan ibsamanii fi bal’inaan irratti mari’ataman qabxiilee armaan gadii ti:

    1) QBOn hanga hardhaa maaliif milkaahuu akka dadhabe;

    2) Qabsoon haqaa kun galma isaa akka gahu maaltu hojjetamuu akka qabu fi kana keessatti hojiin yeroo gabaabaa fi sagntaan yeroo dheeraa maal ta’uu akka qaban;

    3) Milkaa’uu Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (MCBO) dhihoo kana labsameef maal godhamuu akka qabu.

    Nuti, hirmaattotni Yaa‘ii Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 5ffaa Seminaara kanarratti barumsa hayyootni Oromoo nuuf dhiheessan cinatti, marii bal’aa fi xiinxala yeroo godhuudhaan erga hubannee wal hubachiisne booda ibsa ejjannoo armaan gadii sagalee tokkoon dabarsina.

    A) Seenaa fi dhugaa lafarra jiru hubachuu fi wal hubachiisuu

    1. Itiyoophiyaan, Moototni Habashaa ummatoota naannoo Gaanfa Afrikaa ollaa Abisiiniyaa jiraatan weeraranii gabroomsuun kan uumamte, impaayera koloneeffataa ti. Ummatootni cunqurfaman, kan akka Oromoo, bilisummaa fi walabummaa sarbaman deebisaanii gonfachuuf waldhaansoo godhaniin, mootummoota imaayeraa kana yeroo 3 kuffisanus, sirnicha hundeerraa buqqisuu hanqachuu irraan kan ka‘e, giti-bittuu impaayara kanaa bifa biroon wal ijaaree deebisee angoo dhuunfatuun, isa duraa irra caalaatti gita shororkeessaa fi saaminsaa tahee uummata gidirsaa hardha gaheera.

    Kanaafuu, Impaayarri tun akka jirtu kanatti ittifufuun ishii saboota, sablammoota fi uummattootaaf balaa guddaa waan taatuuf, sirni ishii kun hundeedhaan yoo buqqa’e malee nagaa waaraan jiraachuu akka hin dandeenye amanna.

    2. Impaayerri kun sirna Habashootaa irratti kan ijaarame; afaan, aadaa fi eenyummaa saboota biroo dhabamsiisee kanneen Habashaa dagaagsuuf; akkasumas olaantummaa saba tokkoo ijaaruuf kan carraaqaa ture yoo tahu, humni hardha aangoo mootummaa dhuunfatee jirus kaayoodhuma kana mirkaneessuuf hojjechaa jira. Kanaafuu humni kuni fi deeggartootni isaa diina sabootaa fi sablammootaa, addatti immoo diina saba Oromoo waan ta’eef, humni kuni diigamu malee nagaan jiraachuu akka hin dandeenye amanna.

    3. Impaayara tana diimookraatessuuf yoo xinnaate yeroo lamaa sadi yaaliin godhamee jira. Haa ta’u malee, Impaayara suphuu fi diimookraatessuun projaktii hin milkoofne waan ta’eef, yaaliin kun yeroo xumuraatiif fashalee jira. Kana booda yaalii haaraa godhuun gonkumaa waan hin danda’amneef, qabsoo bilisummaa fi haqaa kallattiidhaan gara hiree ofii murteeffannaa sabootaa, sablammootaa fi uummattootaatti adeemsisuu qofaatu fala fi furmaata xumuraa ta’a jennee amanna. Qabsoon Bilisummaa Oromoos qaamuma qabsoo haqaa kana waan ta’eef, galmi isaas abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuu akka ta’u guutumaa guutuutti amanna.

    4. Lolli ykn waraanni Tigraayi irratti Sadaasa bara 2020 labsame fi dhihoo kana humna ittisaa Tigraayi (TDF) fi gargaarsa uummata isaaniitiin injifatame kun dura kan calqabe Oromiyaa kes

    Support the show